Sarbama mirga Amantii

 #Gocha kabajaafi Mirga Amantaa Sarbu bulchiinsa naannoo Tigraay Magalaa Aksumitti Ummata Muslimaarratti raawwatame jiru manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Cinaaksan cimsee kan  balaleeyfatu tahuu dubbaatan D/Ta'aa Mana marichaa kan tahan #shek_kadiir_Ibrahim 


Motummaan qaamoota badii miidhaa kana dhaqabsise  seeraaf dhiheeysuu akka qabu jechuun Biyyi teenya Itoophiyan biyya Seenaa Amantaa islamaa bara dheeraa qabachuun beekkamtu, Biyya giddu gala Amantaa tan taate Madiinaa dura tan Islaamummaa qeebalteedha, Biyya Najjaashii, Biyya Bilaal Ibnu Rabaah, Biyya ummu Ayman. walumaa galatti hidhata cimaa Islaamummaa waliin qabduun seena qabeessa taateedha.


Haa tahuu malee Kun osoo kanaan tahee jiruu, Ebla  2, 2018tti bulchiinsa naannoo Tigraay magalaa Aksumitti Ummata Muslimaa guyyaa Jimmataa Salata Salaataa jiranii irratti gocha mirga Amantaatiifi gocha namoomaa sarbama jiruu hatattamaan mootummaan qamoota badii kana rawwatan Seeraaf dhiiheeysuun murtii isaan madaaltu itti kennuu akka qabu dhaamaniiru.


Gaabsni komnikeeshiinii #mana_marii_dhimma_islaamummaa_A/Cinaaksann ✍️

Comments